Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad namoota bebbekkamoo Afrikaa bara 2020 keessa tokko ta’uun filataman

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad namoota bebbeekkamoo Afrikaa 2020 keessaa tokko ta’uun filataman.
 
Dhaabbanni ‘Riippiiyuuteeshiin Pool idila addunyaa’ jedhame bara Faranjootaa 2020 Afrikaatti namoota ogummaa garaagaraan beekkamtii olaanaa horatan 100 ifoomseera.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy damee hoggansaan filatamaniiru.
 
Preezdaantii Riippaabliika Demookraatawaa Koongoo Feeliiks Shiiseenkeedii, itti aanaa Preezdaantii Laaybeeriyaa Jaaweel Haawaard, itti aanaa Preezdaantii Baankii addunyaa Hafiiz Gaanaman dabalatee Afrikaanoonni dhaabbilee idila addunyaa garaagaraa keessa hojjetan 100 maqaan isaanii tarreeffameera.
 
Dabalataan falmitoonni mirga namoomaa, barreessistoonni, ogeeyyiin diinagdee fi carraa hojii uumtoonni hedduun hammatamaniiru.
 
Lammii Ityoophiyaa kan ta’an daayreektarri Jeneraalaa giddu gala galma misooma itti fufiinsaa Afrikaa Balaay Gaashaawus namoota kanneen keessaa isaan tokkoodha.
 
Beetaliheem Xilahuun ammoo damee carraa hojii Biiznasii uumuun filatamteerti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.