Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaamoolee maaddii biyyaaf deeggarsa taasisan galateeffatan

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaamoolee sagantaa maaddi biyyaan misooma Wancii, Kooyishaa fi Goorgoraaf waamicha taasifame hordofuun deeggarsa taasisan galateeffatan.
 
Haaluma kanaan hanga ammaatti Baankii Zaman Birrii miiliyoona 10, Baankiin Bunnaa Internaashinaal Birrii miiliyoona 10, Baankiin Abbay Birrii miiliyoona 10, Baankiin Wagaagan Birrii miiliyoona 10, Dhaabbannii Liqii fi Qusannoo Addis Birrii miiliyoona 5, Dhaabbanni Hojii Daldalaa Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa Birrii miiliyoona 5, Waldaan Aksiyoonaa Inshuraansii Xalafaa Birrii miiliyoona 5 deeggarsa taasisuu ragaan Waajjira Muummee Ministirarraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.