Fana: At a Speed of Life!

MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaamoolee shaggar miidhagsuurratti hirmaatan galateeffatan

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaamoolee hojii shaggar miidhagsuurratti hirmaatan galateeffatan.

Dooktar Abiy bu’aa gaariin galma ga’uuf kutattoota muraasa gaafata jedhan.

Kutattoota bu’aan barbaadan akka argamu wabii utuu hinqabaatiin amantiidhaan deeman barbaada.

Bifti magaalaa keenyaa jijjiirama olaanaa argamsiisuusaa ilaalee, namoota kutattoota muraasa maallaqa, yeroofi humnasaanii utuu hinqusatiin baasan galateeffachuu dhiisuu hin danda’u jedhaniiru.

Hojiileen walfakkaatan naannoleettis ittifufuu akka qabu ergaa fuulaa feesbuukii isaaniirratti barreessanii ibsaniiru.

Warri kaanis garee ‘kutattootaa muraasa’ kanatti akka makamanan affeereera jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.