Fana: At a Speed of Life!

MMBU miseensota mana marichaa marsaa 6ffaaf leenjii laataa jira

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa hojmaata mana hojichaarratti miseensota mana marichaa marsaa 6ffaaf leenjii laataa jiraachuu ibsameera.
Leenjiin guyyaa har’aa laatamuu eegale kun hojmaatilee, sirnoota, dambiiwwan fi tajaajila mana hojichaarratti xiyyeeffachuun kennamaa jiraachuu himameera.
Naannoolee filannoon itti hin gaggeeffamnee ala miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa biyyattii hundi leenjii kanarratti hirmaachaa jiraachuu eerameera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa marsaa 6ffaan Fulbaana 24, 2014 humdeeffama mootummaa kan gaggeessu ta’uun ni beekkama.
Leenjin kunis hojmaata mana hojirratti hubannoo barbaachisu uumuuf kan qophaa’e ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.