Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraayitti argamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) –  Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraayitti argamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Mootumman lammiilee naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa  barbaadaniif dhiyeessiin deeggarsaa akka ariifatuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan balalliin dhiyeessii deeggarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka dabaluu fi dhaabbilee deeggarsa dhiyeessaniif dhiyeessiin boba’aa fi maallaqa si’ataa akka ta’u taasifamuu eerameera.

Dabalataanis mootummaan gama sarara geejjiba Aba’alaa-Maqalee deeggarsi namoomaa akka dhiyaatuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Deeggarsi namoomaa haala milkaa’ina qabuun naannicha akka qaqqabuuf yaalii danda’u hunda kan taasisu ta’uu ibsameera.

Lubbuu lammiilee rakkoo hamaa keessa jiran baraaruu fi dhamaatii lammiilee hir’isuuf tarkaanfiiwwan kanaan duraarraa adda ta’an fudhachuun barbaachisaa ta’uu fi murtoo walitti bu’iinsa dhaabuu murteessuu ibsameera.

Dhaabbileen idil addunyaa deeggarsa taasisan akka dabalan waamicha dhiyeesseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.