Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa mana Kitaabaa Abrihoot’f kitaabilee gosa garaagaraa kuma 20 ol gumaache

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa mana Kitaabaa Abrihoot’f kitaabilee gosa garaagaraa kuma 20 ol gumaacheera.
Naannichi Kitaabilee akaakuu 24 kan gumaach yoo ta’u, Kitaabileen kumni 13 fi 260 kan Seenaa, Afaanii, Aartii, Aadaa, Duudhaafi Safuu Oromoorratti kanneen katabamaniidha jedhame.
Naannoon Oromiyaa mata duree ‘Kitaaba miiliyoona, dhaloota barkumeef’ jedhuun kitaabilee Afaan Oromoo fi Ingiliziin barreeffaman kuma 20 ol gumaacheera.
Sirna gumaacha kitaabaa kanarrattii Kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanacha Abeebee,sadarkaa itti aanaa preezidantiitti qindeessaa kilaastara Hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Adullahakiim Muluu fi qaamooleen gumaacha kitaabicharraattii qooda qaban argamuu ibsameera.
Inistiityuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo, Biiroo Aadaafi Tuurizimii,Giddugala Aadaa Oromoo,Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa fi Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaa kanneen tumsa taasisan ta’uu himameera.
Sadarkaa Itti Aanaa Preezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastera Hawwaasummaa Obbo Abdurhakiim Muluun kitaabileen kanneen Aadde Adaanach Abeebeef laataniiru.
Dhaloota beekumsaan qarame ijaaruu keessattii qaamoolee dhuunfaarraa eegale gumaachi taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’uu Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.
Gumaachi mootummaan naannoo Oromiyaa taasises kaka’umsa kan uume ta’uu himaniiru.
Gumaachaa taasiifameefis galateeffataniiru.
Amartii Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.