Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaamolee lubbuu lammiilee nagaa galaafatan seeraatti dhiyyeessuuf ni hojjeta

Finfinnee, Bitootessa 2,2012 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaamolee lubbuu lammiilee nagaa galaafatan seeraatti dhiyyeessuuf kan hojjetu ta’uu beeksise.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ajjeechaa guyyaa kaleessaa Godina Harargee Lixaa aanaa Qumbii Bordoddee fi naannoo Afaaritti qaamolee hidhataniin lammiilee nagaa irratti raawwatame ilaalchisee ibsa laateera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa badii raawwatameef gaddi guddaan Kan itti dhaga’ame ta’uu ibseera.

Gochi gara jabinaan ummata nagaarratti raawwatame kun humnoota qaxxaamuraan aangoomuu fi ummata jaarraawwaniif waliin jiraataa ture walitti buusuuf kaayyeffame ibsa isaan yaadachiiseera.

Humnoonni kunneen kaleessas yaadanii Shira adda addaa raawwachaa Kan turan ta’ullee, karoorri isaanii hin milkoofne.

Abjuun badii isaanii abjuu qofa ta’ee darbeera.

Har’as Kan kaleessarra yeroo ummanni tokkummaa isaa cimsatee socho’aa jirutti shirri hanga fedhe hammaatuu fi heddummatu tokkummaa uummataa kana caalmaatti cimsa malee diiguu hin danda’u jedha ibsi ba’e.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo ammaa qaamolee gocha badii lubbuu lammiilee nagaarratti raawwatan irratti qorannoo gaggeessuu kan eegalee fi hirmaannaa ummataatiin ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsa isaan ifoomssera.

Tarkaanfiiwwan fudhatamanis duraa duubaan ummataaf ibsaa kan deemu ta’u eerera.

Ummanni naannoo Oromiyaa fi Afaaris Sochii shakkamtoota seeratti dhiyeessuu fi Shira diinaa fashaleessuuf mootummaan taasisu cinaa dhaabbachuu akka qabu hubachiiseera.

‘Imalli jijjiiramaa biyyi keenya eegalte humna kamiinuu hin gufatu!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.