Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfii shaneerratti fudhatu cimee kan itti fufu ta’uu beeksiise

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa haleellaa Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti, humni shororkeessaa shanee lammiilee nagaarratti raawwateen gadda guddaa itti dhagahame ibseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa barreeffamaan addatti OBNf ergeen, Shaneen tarkaanfii qindoomina qaamolee nageenyaa fi Ummataatiin irratti fudhatamaa jiru jala dhaabbachuu dadhabuusaatiin, haleellaa lammiilee nagaarratti raawwachaa jiraachuu eereera.

Mootummaan humna nageenyaa qindeessee bobbaasuudhaan umrii dhabama humna badii kanaa gabaabsuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Ummannis bakka jiru hundatti qindaa’ee dhaabbachuudhaan Shanee akka bineensa waraanamee madaa’eetti bakkaa bakkatti faca’ee lammiilee miidhaa jiru kana dhabamsiisuuf akka tumsu waamicha dabarseera.

Bakka haleellaan kun itti raawwatameefi naannawaa sanatti tarkaanfii cimaan fudhatamaa jiraachuu eeruudhaan, maatiiwwan miidhamtootaatiif jajjabina hawweera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.