Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraay iddoolee bilisa bahanitti mootummaa deeggarsa dhiyeessuu jalqabe

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraay iddoolee bilisa bahanitti mootummaa deeggarsa namoomaa fi qorichaalee dhiyeessuu jalqabuu ibsame.

Mootummaan akkuma kanaan duraa lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsa namoomaa dhiyaassaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ambaasaaddar Shifarraaw Talkalamaariyaam ibsaniiru.

Mootummaan akkaatuma waadaa galeen iddoolee garee Shororkeessaa ABUT jalaa bilisa bahanitti kuduraalee fi nyaata badhaadhaa marsaa jalqabaaf kutaala kuma 3 ol geejjibsiisuu eegaluu himaniiru.

Mootummaan deeggarsa namoomaa itti fufiinsaan dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu eeruun, meeshaaleen tajaajilaa fi qorichaaleen konkolaattoota fe’iinsaa 3 gara naannichaatti ergamuu dubbataniiru.

Tajaajiloonni sababa waraanaan adda citanii turan akka eegalaniif dhaabbilee barbadaa’an hojiin deebisaanii suphuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Minaale Ayyanawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.