Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2013 (FBC) – Mootummaan Federaalaa deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif xiyyeeffannoo laatee hojjechaa jiraachuu ibseera.

Hojiin hojjetamaa jirus dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjetamaa jiraachuu jiraachuu ibseera.

Deeggarsa hanga ammatti taasiifameen lammiilee miiliyoona 3 oliif deeggarsi qaqqabuu ibsameera.

Daayreektarri olaanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa Deeviid Baazleey haala waqtaawaa naannichaa ilaalchisee ibsa laataniin dhiyeessin deeggarsa namoomaa taasiifamaa jiru jajjabeessaa ta’uu ibsuun isaanii kan yaadatamuudha.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antooniiyoo Jeebliimkan ibsa kaleessa laataniin dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa galuun sirrii akka hin taane ibsaniiru.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf akkaataa hojmaata seeraa biyyattiin kan raawwate ta’uu ibsaniiru.

Yaa ta’uutii dhimma keessoo biyya tokkoo keessa galuun sirrii kan hin taanee fi odeeffannoo dhugaarraa fagaate laachuun dongora ta’uu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.