Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 3.1f deeggarsa namoomaa raabsuu beeksiise

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC) – Mootummaan hanga ammaattii naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 3.1f deeggarsa namoomaa raabsuu beeksiiseera.
Waajjirri Muummee Ministiraa haala waktaawaa naannoo Tigraay yeroo ammaa ilaalchisee ibsa laateera.
Aanaalee naannichaa 36 keessaa aanaalee 34f deeggarsi namoomaa dhiyaachuu ibseera.
Hanga ammaattis lammiilee miiliyoona 3.1 deeggarsi namoomaa qaqqabuu eereera.
Deeggarsa dhiyaate keessaa % 70 mootummaan kan uwwifame yoo ta’u, % 30 dhaabbilee deeggarsaa idil addunyaan uwwifamuu ibseera.
Dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaa 10 deeggarsa meeshaalee nyaataan alaa kan dhiyeessan yoo ta’u, buufataaleen sadarkaa idil addunyaa guutuun 10 hundaa’uu ibsichi eereera.
Deeggarsi namoomaa gaggeeffame qorannoorratti hundaa’ee ta’uu ibseera.
Dhaabbileen deeggartootaa fi biyyoota garaagaraa eeyyama fudhachuun sosocha’aa jiraachuu ibsameera.
Yeroo ammaa koree qindeessa yeroo ariifachiisaa jalatti kan hundaa’aan dhaabbilee idil addunyaa 29 sosochii taasiisaa jiraachuu ibseera.
Miidiyaaleen idil addunyaa 7 eeyyama fudhachuun naannichaa keessa sosocha’aa jiraachuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.