Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan nageenya lammiilee Sudaanitti argamanii eeguuf hojjechaa jira-Amb. Burtukaan Ayyaanoo

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Mootummaan nageenya lammiilee Ityoophiyaa Sudaanitti argamanii eeguuf hojjechaa jira jedhan Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon.

Lammiilee Sudaanitti argaman baasuuf Koreen Biyyaalessaa hundaa’e hojiiee baatiiwwan lamaan darban raawwate gamaaggameera.

Gamaaggamicharratti korichi hanga ammaatti bu’aalee galmaa’anii fi gufuulee mudatan ilaalchisee marii bal’aa gaggeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argme ni mul’isa.

Kaartumitti kan argamuu Embaasiin Ityoophiyaa koricha bakka bu’uun gabaasa dhiyeesseera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa fi Walitti Qabduun Korichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon, nageenya lammiilee Ityoophiya Sudaanitti argamanii eeguuf mootummaan waan danda’e hundaa gochaa jira jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.