Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Neezarlaand meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf oolu Ityoophiyaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Mootummaan Neezarland dhaabbata miti mootummaa ‘Kaard Eeyid’ jedhamu waliin ta’uun meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf oolu Ityoophiyaaf deeggarsa taasise.
 
Meeshaaleen deeggarsaan laatames Birrii miiliyoona 67 kan baasu jedhameera.
 
Deeggarsicha kan fudhatan Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa meeshaaleen kunneen meeshaalee gabaa irratti hin argame kanneen weerara vaayrasii koroonaa yaaluuf tajaajilan ta’uu ibsaniiru.
 
Deeggarsa taasifame galateeffachuun, tumsi kun cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
 
Meeshaaleen kunneen haguuggii fuulaa, harkaa, Saanitaayzara, qorichoota, saamunaa dhangala’aa fi qorichoota farra Baakteeriyaa kan of keessatti hammatu ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.