Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan qaamolee daldala seeraan alaa fi kontiroobaandii raawwatan irratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) –Qaamolee seeraa fi danbii daldalaa cabsuun daldala seeraan alaa fi kontiroobaandii raawwatan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu  Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Qaamoleen seeraa fi danbii daldalaa cabsuun daldala seeraan alaa fi kontiroobaandii raawwatan diinagdee biyyaa fi sirna bittaa gurgurtaa seera qabeessaaf qormaata ta’uu ministeerichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen addeesseera.

Gochaaleen seeraan alaa kanneen akka eeyyama daldalaa malee daldaluun, hanga eeyyamameen ol oomishaalee daddabarsuu fi kuusuun, hanqina oomishaa uumuuf oomisha kuusanii kaa’uun, sababa quubsaa malee oomishaaleerratti gatii dabaluun gurguruun, oomishaalee seera malee walitti qabuun, eeyyama daldalaa qaama sadaffaaf dabarsanii kennuun,sochiiwwan  diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa biyyattii dadhabsiisuun tumsa misoomaa fi guddinaaf taasifamu qormaata keessa galchaa jiraachuu ibseera.

Guyyaa ibsi kun hawaasaaf ibsamerraa kaasee qaamolee seera raawwachiistuu dhimmi isaa ilaallatuu fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun qaamolee gochoota seeraan alaa armaan oliitti eeraman irratti hirmaatanii fi deeggaran irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa barbaachisaan kan fudhatamu ta’uu ministeerichi yaadachiiseera.

Qaamoleen gochoota kanneen irratti hirmaatan gocha isaaniirraa akka of qusatan akeekkachiisuun, qaamoleen raawwachiistotaa mootummaa sadarkaan jiran ga’eesaanii ba’achuun dirqama qabeenyaa fi faayidaa biyyaa eegsisuu akka ba’atan waamicha dhiyeesseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.