Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan tattaaffii hojii leenjii fi qulqullinaa foyyeessuun carraa hojii uumuuf hojjete jajjabeessaa ta’u Baankiin Addunyaa ibse

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2014 (FBC)- Mootummaan, Ministeera Hojii fi Kalaqaa hundeessuun qulqullina leenjii foyyeessuufi carraan hojii akka uumamuuf hojiin hojjete kan jajjabeeffamu ta’uu Baankiin Addunyaatti Daayreektarri damee barnootaa Afirkaa Bahaa fi Kibbaa Saaf Eel Koogaalii ibsaniiru.

Daayrektarichi, ogummaa teekinikaafi carraa hojii ilaalchisuun Ministeera Hojii fi Kalaqaa waliin mari’atan.

Marii kanaanis Saafaa Eel Koogaalii, mootummaan Ityoophiyaa, Ministeera Hojiifi Kalaqaa hundeessuun mana hojii ministeerichaf itti gaafatamummaa kennuun damee ogummaa teekinikaan qulqullina eegsiisuufi hojiilee heddun akka uumamanif hojii hojjetameen dinqisifataniru.

Ministirri Hojiifi Kalaqaa Aadde Mufaariyat Kaamil, leenjii ogummaa teekinikaa hojii gabaa keessatti kan qoratamee akka ta’uufi dargaggootaaf yaada hojii uumuu itti horuuf gama dhaabbilee ogummaafi teekinikaan hojjetamaa jira jedhan.

Hojiilee tumsaa cimsuun guddina biyyattif gahee isaanii kan bahan ta’uu himuu ragaan Ministeera Hojiifi Kalaqaa irraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.