Fana: At a Speed of Life!

Moozaambikitti Bidiruun dhidhimuun lubbuun namoota 90 darbe

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC) – Kutaa Kaaba Moozaambiikitti Bidiruun dhidhimuun daa’imman dabalatee lubbuun namoota 90 darbuun ibsameera.

Bidiruun kun bulchiinsa Naampuulitii namoota 130 feetee osoo imalaa jirtuu dhidhimuun miidhaa kana qaqqabsiisuu eerameera.

Namoota lubbuun darban keessaa hedduun daa’immaan ta’uu Barreessaa Olaanaan Naampuulitii Jeeyim Neetoon ibsaniiru.

Namoonni kunneen Weerara Dhibee Koreeraa mudate baqachuuf imalarra kan turan ta’uu himameera.

Bidirittiin Qarqara Galaanaa Luungaa irraa gara Odola Moozaambiikitti imalaa waayita turte dhidhimuu ishee BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.