Fana: At a Speed of Life!

Murtoon ummataa karaa nagaan akka xumuramu qophiin xumuramuu godinni walaayittaa beeksise

Finfinnee, Amajjii 28, 2015 (FBC) – Murtoon ummataa guyyaa boruu gaggeeffamu karaa nagaan akka xumuramu qophiin taasiifamuu godinni Walaayittaa beeksiseera.

Godinaaleen Naannoo Kibbaa 6 fi aanaaleen addaa 5 waliin ta’aanii naannoo Haaraa hundeessuuf guyyaa boruu murtoon ummataa ni gaggeeffama.

Murtoon ummataa kun rakkoo malee karaa nagaan akka xumuramu qophiin barbaachisu xumuramuu Bulchaan godina Walaayittaa Obbo Akliluu Lammaan ibsaniiru.

Godinichatti giddugala filanmoo 8 fi buufataalee filannoo kuma 1 fi 113 irratti murtoon ummataa kan gaggeeffamu ta’uu fi meeshaaleen filannoof barbaachisan hundi raabsamu ibsaniiru.

Murtoon ummataa kun boru barii sa’aatii 12:00 hanga galgala sa’aatii 12:00tti kan gaggeeffamu ta’uu sagantaan Boordin filannoo biyyaalessaa base ni mul’isa.

Xilahuun Huseentu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.