Fana: At a Speed of Life!

Murtoon uummataa naannoo Kibbaatti gaggeeffame xumuramuun lakkoofsi sagalee eegaleera- Boordii Filannoo Biyyaalessaa

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Murtoon uummataa naannoo Kibbaatti gaggeeffame xumuramuun lakkoofsi sagalee eegaluu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksise.

Knniinsi sagalee uummataa naannoo Uummattoota Kibbaa godinaalee 6fi aanaalee addaa 5 keessatti gaggeeffame nagaan xumuramuun lakkoofsi sagalee eegalamuu boordichi beeksiseera.

Boordichi kenniinsa sagalee uummataa ilaalchisee ibsa miidiyaaleef laateera.

Sagantaan kenniisa sagalee uummataa ganama sa’aatii 12:00 hanga galgala keessaa sa’aatii 2:00 giddugaloota 31fi buufataalee filannoo kuma 3fi 771 keessatti sagaleen uummataa kennamuu Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Burtukaan Miidhaksaa ibsaniiru.

Godinaaleefi aanaalee addaa murtoon uummataaf sagaleen uummataa kennametti rokkoolee hojimaataa irraan kan hafe adeemsi isaa karaa nagaan xumuramuufi uummanni rakkoo tokko malee sagaleesaa kennaa turuu eeraniiru.

Yeroo ammaa buufataalee filannoo hedduu keessatti lakkoofsi sagalee eegaluu eeruusanii TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.