Fana: At a Speed of Life!

Murtoowwan Walga’ii Idilee 11ffaa Manni Maree Ministeerotaa

Finfinnee, Hagayya 7,2014 (FBC)- Manni Maree Ministeerotaa Walga’ii Idilee 11ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Manni marichaa Sanada immaammataa Godina Addaa Dinagdee Biyyaalessaafi Wixinee Labsii Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Manni marichaa walitti hidhamiinsi dinagdee idil addunyaafi naannawaa guddina dinagdee biyya tokkoof shora olaanaa qabaachuusaan xiyyeeffannoon itti kennamuufi walitti hidhamiinsi daldalaa kunis yeroodhaa gara yerootti saffisaan babal’achaa dhufuusaatiin biyyattiin dammaqinaan akka hirmaattuuf haala mijataa uumuun barbaachisaa ta’uu isaa kan amanu  ta’uu ibsameera.

Sirna daldala alaa biyyattii fooyyessuu kan dandeessisu, invastimantii guddisuuf, dandeettii daldala alergii guddisuuf akkasumas damichaan carraa hojii bal’aa uumuun akka danda’amuuf kooridariiwwan daldalaa biyyattii ijoo ta’anitti buufanni daldalaa akka babal’atuufi tajaajilli loojistikii akka si’atuuf sirna diriirsuun murteessaa ta’uusaan, imaammata godinaalee dinagdee addaa hundeessuu dandeessisu ta’uu mirkaneeffachuun galteewwan dabalachuun hojiirra akka ooluuf sagalee guutuun murtaa’eera.

Dabalataanis manni marichaa Wixinee Labsii Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa Biyyaalessaarratti mari’ateera.

Biyyattiitti sirna Waraqaa Eenyummaa diijitaalaa amansiisaa diriirsuun, lammiileen biyyattiifi jiraattonni Ityoophiyaa keessa karaa seera qabeessaan jiraatan haalaan akka beekaman kan dandeessisu, tajaajiloota damee dinagdeefi hawaasummaan laataman saffisiisuuf akkasumas amanamummaa tajaajilootaa, iftoominaafi itti gaafatamummaa kan kan mirkaneessu, sadarkaa biyyaalessaatti kan tajaajilu,labsichi sirni waraqaa eenyummaa diijitaalaa akka jiraatu kan dandeessisu ta’uusaa mirkaneessuun labsicharratti galteewwan dabaluun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf akka darbuuf sagalee guutuun murteesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.