Fana: At a Speed of Life!

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad preezdaantii Naayjeeriyaa Mohaammaduu Buhaarii waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad preezdaantii Naayjeeriyaa Mohaammaduu Buhaarii waliin mari’atan.

Dooktar Abiy har’a ganama waajjira isaaniitti preezdaanticha simachuudhan mariisisaniiru.

Turmaata isaanitiin hariiroo biyyoota isaanii fi dhimmoota aardiirratti mari’ataniiru.

Tumsa biyyoota lamaaniirrattis waliigalteen mallatteeffameera.

Waliigaltichis damee raayyaa fi sochii bilisaa diippiloomaatiikii fi paaspoortii sarviisii kan eeyyamudha jedhameera.

Preezdaantichi Amajjii 30,2012 yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaa 33ffaarratti hirmaachuf ture Finfinnee kan dhufan.

Guyyaa har’aas Ityoophiyaatti daawwii hojiirra jiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.