Fana: At a Speed of Life!

Muummen Ministira Dooktar Abiy Ahimad Abuu Dhaabii galan

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Jilli Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad durfamu lammiilee Itiyoophiyaa Giddugala Bahaa jiran waliin mari’achuuf Emmireetota Arabaa Gamtoomanii Abuu Dhaabii galanii jiru.

Dooktar Abiy Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Abudaabii yammuu ga’an ministira Dhimma Alaa Emmireetota Arabaa Gamtooman Sheeh Abdallaa Biin Zaayidiin simannaan taasifameefira.

Lammiileen Itiyoophiyaa Emmireetota Arabaa Gamtoomanii jiraatan dabalatee Sawud Arabiyaa, Libaanoon, Kuweet, Omaan fi Baahireen irraa Waltajjicharratti argamuuf Emmireetota Arabaa Gamtooman galaa jiru.

Dooktar Abiy Ahimad Gurraandhala 6, 2012 magaalaa Dubaay Istaadiyeemii Al-maktuum kilabii Shabaab Al-Ahiliitti lammiilee Ityoophiyaa achi jiraataniif erga ni dabarsu.

Gaafa Sanbataa waltajjii dubartoonni qofti irratti hirmaatan ni gaggeeffama jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.