Fana: At a Speed of Life!

Naangooloo Mibumbaan Pireezidaantii Naamiibiyaa ta’uun muudaman

Finfinnee, Amajjii 27, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Duraanii Naamibiyaa Haagee Giingoob du’aan boqochuu hordofee Pireezidaantii Ittaanaa kan turan Naangooloo Mibumbaa Pireezidaantii biyyattii haaraa ta’uun muudamuun kakuu raawwataniiru.

Pireezidaantichi Magaalaa gudditti biyyattii Wiindihookitti wayita waadaa galan, Neetuumboo Naandii Nidaayitiwaah ammoo Pireezidaantii Ittaanaa ta’uun muudamaniiru.

Mibuumbaa wayita waadaa galanitti haasawaa taasisaniin bu’uuraalee dureewwan duraaniin kaa’aman ijaaruun itti fufa jedhan.

Pireezidaantii Duraanii biyyattii kan turan Geengoob Lakaansar umrii waggaa 82ffaa isaaniitti hospitaalatti wal’aanamaa turuun guyyaa kaleessaa du’aan addunyaa kanarraa boqochuun ni yaadatama.

Akka heera biyyattiitiin Naangooloo Mibumbaa Pireezidaantii Ittaanaa ta’uun muudamuu Waajjirri Pireezidaantii biyyattii beeksisuu Zhinwaan gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.