Fana: At a Speed of Life!

Naannawaaleen Oromiyaa fi Finfinneetti daangeffaman ifooman

Finfinnee, Hagayya 10, 2014 (FBC) – Bulchiinsa daangaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee fi Magaalaa Finfinneerra akkaataa waliigalteerraa ga’ameen naannawaaleen Oromiyaa fi Finfinneetti daangeffaman ifoomaniiru.

Waliigaltee Daangaa bulchiinsaa irraa ga’ame ilaalchisuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinne Aadde Adaanech Abeebee tooraa miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsa baasaniiru.

Aadde Adaanech, daangeffamaa bulchiinsaa waliigalteerraa ga’ameen naannawaan Naannoo Oromiyaanis ta’e Magaalaa Finfinneen bulaa turan akkuma jirutti kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Ta’us, Godinaa Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessa seenuun koondomiiniyemonni Finfinnee keessatti ijaaraman, Koyyee Facce, Tulluu Diimtu gartokkeen, Jamoon lakkoofsi 2 Godina Addaa Oromiyaatti daangeffameera jedhan.

Naannoon Oromiyaa kan ijaaree kondomiiniyamii naannawaa Labuu, Furii Haannaa fi Kondomiiniyamii Oromiyaa dabalatee hanga Laga Qarsaatti kan jiru Magaalaa Finfinneetti akka daangeffaman waliigalteerra ga’amuu ibsaniiru.

Waggootaan torbaa gadii hintaaneef koreen teekinikaa waloo kan irratti hojjechaa turuu yaadachiisanii, dhimmi daangaa bulchiinsa daangaa Magaalaa Finfinnee fi Naannwaa Finfinnee bu’uuraa heera mootummaa fi chaartaraa Magaala Finfinneen bulchiinsonni lameen bu’uuraa dhimma daangaa furaanirratti waliigaluun seenaa qabeessa jedhaniiru.

“Daangaa bulchiinsaa kanaan dallaa ijaarree miti. Ummattoota gidduu dallaa ijaaruu hindandeenyu. Inumaa, tokkummaa fi waliin jireenya bu’uuraa jabaarratti ijaarme caalmaan kan cimsuudha” jedhan.

Misoomaa fi bulchiinsa gaarii gaggeeffamaa jiraan saffisiisuuf bulchiinsa daangaa kun kan qajeelchu ta’uu Aadde Adaanechi ibsaniiru.

Naannawaalee daangeffamni bulchiinsaa kun tuqutti, tajaajilli mootummaa kamiyyuu kan addaan hincitne, tajaajillii fi hojiileen nageeyaa gama lameeniin waloon kan hojjetamuu ta’uu, pirojektoonni ijaarsaarra jiran kan hindhaabbannee fi saffisaan akka xumuraman hordoffiin kan taasifamu akkasumas, barnootaan afaanni dabalataa akkuma duraatti kan itti fufuu fi tajaajiloota mootummaa kennamanirratti afaanni dhiibbaa kamiyyu akka hinuumne ni taasifama jedhaniiru.

“Fanjiin walitti bu’iinsaa awwalame” bilchinaan furamanii, gara badhadhinaatti imalaa taasisu cimsee itti fufuu akka fedhu ummanni mirkaneesseera jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.