Fana: At a Speed of Life!

Naannawaan daldala bilisaa biyya keessaa eegaluun damee loojistikii ni dadammaqsa- Aadde Daagmaawit Mogas

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) –  Naannawaan daldala bilisaa biyya keessaa eegaluun damee loojistikii kan dadammaqsu ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Aadde Daagmaawit Mogas ibsan.

Ministeerichi waltajjii marii Ityoophiyaatti naannawaa daldalaa bilisaa eegalchiisuuf karoorfate gaggeessa jira.

Naannawaan daldala bilisaa biyya keessaa kun magaalaa Dirree Dawaatti sadarkaa yaaliitti kan eegalamu ta’uu marichaan ibsameera.

Naannawaan daldalaa bilisaa akka eegalamuuf karoorri qabame damee loojistikii kan dadammaqsu ta’uu fi hundeeffamni isaa qaama karoora misooma waggoota 10 ta’uu Aadde Daagmaawit haasawaa taasisaniin ibsaniiru.

Hanqinoonni gama loojistikiin jiran qulqullina oomishaa fi qaala’iinsa gatiirratti dhiibbaa qabaachuu kaasaniiru.

Rakkoolee akka kanaa furuuf naannawaan daldalaa bilisaa shoora olaanaa qabaachuu eeruun, diinagdees kan utubu ta’uu dubbataniiru.

Daayrektarri olaanaan Maariitaayimii Ityoophiyaa Injinar Yehualaashat Jammaraa gamasaaniin, karoora qabame milkeessuuf manni mare loojistikii hundaa’ee gara hojiitti galuu kaasaniiru.

Naannawaan daldalaa bilisaa Ityoophiyaatti akka eegaluuf waliigalteerra ga’amuus ibsaniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.