Fana: At a Speed of Life!

Naannichaa deebisanii dhaabuuf waliigalteen deeggarsaa Doolaarri  miiliyoona 6.2 taasifame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraa deebisanii dhaabuuf waliigalteen deeggarsaa Doolaarri  miiliyoona 6.2 taasifamuu Biiroon Maallaqaa naannichaa beeksise.

Biirichi waliigaltee deeggarsaa bu’uuraalee misoomaa naannichaa deebisanii ijaaruuf oolu Doolaara miiliyoona 6.2 Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin taasisuu ibsameera.

Waliigalticha Hogganaan Biiroo Maallaqaa naannichaa Dooktar Xilaahuun Mahaarii fi Ityoophiyaatti Itti waamamaan Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Turhaan Saalahi mallatteessaniiru.

Dooktar Xilaahuun Mahaariin, Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sadarkaa naannootti gara naannoo Amaaraa seenuun deeggarsa kan taasise yeroo jalqabaaf ta’uu kaasuun, deeggarsichi bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisanii ijaaruuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Itti waamamaan Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Turhaan Saalahi gamasaaniin, naannichatti bu’uuraaleen misoomaa tajaajila uummataaf oolan hedduun akka barbadaa’an hubachuu ibsuun, bu’uuraalee misoomaa kanneen deebisanii ijaaruufi tajaajila uummataaf oolchuuf mootummaa naannichaa waliin kan hojjetan ta’uu ibsuu AMKn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.