Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti albuudaalee Oppaalii fi Warqeerraa galiin Doolaara miiliyoona 7.9 argame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2015 (FBC)- Naannoon Amaaraatti Albuudaalee ooppaalii fi Warqeerraa galiin Doolaaraa miiliyona 7.9 argamuun ibsame.

Naannichi yeroo jalqabaaf Warqee kiiloo giraama 85.4 Baankii Biyyaalessaaf dhiyeessuun ibsameera.

Naannichatti albuudaaleen 40 akka argaman kan eerame yoo ta’u, qabeenyi kuni kan hintuqamnee fi sirnaan misoomsuun itti fayyadamuun akka barbaachisu Waajjirri Pireezidaantii Naannichaa beeksiseera.

Naannawaalee kuufamni abuudaalee argamutti hojiileen hojjetamaa jiran bu’aa jajjabeessa argamsiisaa jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.