Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti Lafa heektara miiliyoona 3 irratti marga nyaata beelladaa oomishuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Rakkoo nyaata beelladaa waayita hongeen mudate uumamu furuuf Lafa heektara miiliyoona 3 irratti marga nyaata beelladaa oomishuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Margi nyaata beelladaa kun godinaalee 8 keessatti oomishamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti lafa heektaara miiliyoona 2 irratti oomishuun danda’amuu eerameera.
Qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaafi Biiroo misooma jallisiifi horsiisee bulaa Oromiyaan hoggansiifi ogeeyyiin miidiyaalee garagaraa hojilee misoomaa horsisee bulaa fayyadamoo taasiisuuf Godina Booranaatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Godina Booranaatti hojilee horsiisee bulaarraatti xiyyeeffatee hojjetamaa jiru.
Nyaanni beelladaa aanaalee godinichaa iddoolee 6tti man-kuusaa keessatti kuufamee jiraachuus eerameera.
Kana malees horsiisee bultootni qe’ee isaanittis rooba amma jiruutti fayyadamuun marga haamuun yeroo rakkoof olkaawwachaa akka jiru jedhame.
Nyaanni beellaada amma kuufamee jiru loowwan miliyoona sadi dandamachiisuu kan dandaa’u ta’uu Itti Aanaa hogganaan Biiroo misooma Jallisii fi Horsiisee bulaa Oromiyaa Injinar Alamuu Raggaasaan himaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo hongee sababa hanqina roobaatiin deddeebi’ee muudachuun miidhaa qaqqabsiisaa ture hundeerraa furuun hawaasa horsiisee bulaa fayyadamaa taasisuuf hojjetaa jiraachuu Injinar Alamuun dubbataniiru.
Godinaalee Oromiyaa gara garaa keessaatti pirojektoonni finnaa 73 Birrii biiliyoona 25 oliin hijjetamaa jiru.
Dassaalanyi Abarraa fi Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.