Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf mootummaan wareegama guddaa kaffaleera- Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti  nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf mootummaan wareegama guddaa kaffaleera jedhan Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan.

Obbo Ashaadilii Hasan dhimmoota yeroo biyyaalessaafi naannichaarratti hoggantoota olaanoo naannichaaf kallattii kennuu ibsameera.

Kanaan dura naannichatti rakkoon nageenyaa mudatee turuu yaadachiisuun, nageenyi akka dhufuuf hoggansi sadarkaan jiru, kutaaleen hawaasaa garaagaraafi qaamoleen dhimmamtootaa shoora olaanaa ba’achuu ibsaniiru.

Naannichatti rakkoolee siyaasaa turan hiikuu eegalamuusaan nageenyi waaraan dhufaa jiraachuufi naannichi akka biyyaatti adda duree ta’ee fudhatamuu eeraniiru.

Mootummaan naannichaafi hoggansi adda dureen naannichatti nageenya mirkaneessuuf wareegama guddaa kaffaluu ibsaniiru.

Nageenya waaraa naannichaa mirkaneesuuf hojii bu’aa qabeessi hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Miseensonni Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul mootummaa naannichaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessuun gara naannichaa galan leenjii haaromsaa fudhachaa jiraachuu eeraniiru.

Waliigaltichi sosochii nageenyaafi misoomaa biyyaalessaa, naannawaa akkasumas naannichaaf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Nageenya godinaalee Matakkaliifi Kamaashiitti dhufe waaraa taasisuuf hojiin paartilee dorgomtootaa waliin eegalame cimee akka itti fufuuf mootummaan naannichaa kutannoo qabaachuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.