Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti namoonni yakka malaammaltummaarratti hirmatan 25  to’annoo jala ooluu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015(FBC)- Naannoo Harariitti namoonni yakka malaammaltummaarratti hirmatan to’annoo jala ooluu Koreen Farra-Malaammaltummaa naannichaa ibse.

Walitti qabaan korichaafi Abbaan Alangaa Waliigalaa naannichaa obbo Ayyuub Ahimad, korichi koreewwan xixiqqaa 4 hundeessuun hojiilee hedduu hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Korichi guyyaa hundeeffamerraa kaasee hanga ammaatti eeruuwwan malaammaltummaa uummatarraa isa qaqqaban 38 keessaa 16 adda baasuun qorannoo barbaachisaa taasisuun galmee 8 jalatti himatamtoota 11 irratti himannaa banuu dubbataniiru.

Kana malees lafa mootummaa kaareemeetira kuma 23 ol gara baankii lafaatti deebisuun danda’amuu eeruun, kaffaltiin Birrii miiliyoona 12 dhorkamuu ibsaniiru.

Walumaagalatti namoonni yakka malaammaltummaan shakkaman 25 to’annaa jala ooluun hojiin tarkaanfii fudhachuu kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.