Fana: At a Speed of Life!

Naannichi Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun sirreeffamtoota kuma 1 fi 445’f dhiifama taasiise

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Naannoon Kibba Itiyoophiyaa Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa kuma 1 fi 445’f dhiifama taasiiseera.
Ayyaana Sooma Hiikaa yeroo itti aanu kabajamu sababeeffachuun akkaataa labsii dhiifamaan sirreeffamtoota ulaagaa guutaaniif dhiifamni taasiifamu Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbaddaan himaniiru.
Sirreeffamtoota turtii mana amala sirreessaa keessatti namuusa gaarii agarsiisanii fi akkaataa labsichaan Boordiin Dhiifamaa qorannoo gaggeesseen dhiifamni akka taasiifamuuf dhiyeesse kuma 1 fi 445’f dhiifamni taasiifamuu eeraniiru.
Sirreeffamtoonni Kumni 1 fi 435 mana amala sirreessaa keessaa kan ba’an yoo ta’u, 20 ammoo yeroon addabbii isaanii akka hir’ifamuuf taasifamuu himaniiru.
Kanneen dhiifamni taasiifameef keessaa 95 dubartoota ta’uu Obbo Xilahuun dubbataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.