Fana: At a Speed of Life!

Naannichi baatiiwwan 10 darbanitti Warqee kiiloo giraama kuma 1 fi 151 Baankii Biyyaalessaatti galii taasisuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Naannoon Gaambeellaa baatiiwwan 10 darbanitti Warqee kiiloo giraama kuma 1 fi 151 Baankii Biyyaalessaatti galii taasisuu Ejensiin Misooma Albuudaa fi Inarjii naannichaa beeksise.

Ejensichi raawwii karoora baatiiwwan 10 darbanii bakka Preezdaantiin naaanichaa obbo Umad Ujuluu fi hoggantoonni olaanoon naanichaa argamanitti gamaaggameera.

Naannichatti warqee kiiloo giraama kuma 1 fi 330 Baankii Biyyaalessaatti galii taasisuuf karoorfatamee warqee kiiloo giraama kuma 1 fi 151 ol galii taasisuu ibsameera.

Warqeen baatiuiwwan kurnan darbanitti argaman kan bara darbee yeroo walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu kiiloo giraama 211 caalmaa kan qabu ta’uu eerameera.

Oomisha warqee Baankii Biyyaalessaatti galii ta’erraa sharafni alaa Doolaarri miiliyoonni 54 fi kumni dhibbi 4 ni argamaan kan eegamu ta’uu ibsameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.