Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen sababa rakkoo nageenyaan filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa osoo hin gaggeessina hafan boru filannoo ni gaggeessu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2014 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa sababa rakkoo nageenyaa fi dhimmoota hawwaasummaan filannoon osoo hin gaggeeffamin hafe naannolee Saditti guyyaa boruu Filannoon marsaa 6ffaa kan gaggeeffamu ta’uu beeksiise.

Guyyaa Borii Naannoo Hararii, Sumaalee fi Naannoo Saba Kibbaatti sagaleen kan laatamu ta’uu kennamu ta’uu Daayreektarri Daaryeektoreetii dhimmoota kominikeeshinii boordichaa Sooliyaanaa Shimallis ibsaniiru.

Dhaabbileen mootummaa fi mitimootummaa hawaasaa hojiirraa bilisa gochuun sagantaan sagaleen kennuu akka milkaahuuf tumsuu barbaachisu akka taasiisan boordichi hubachiiseera.

Meeshaaleen barbaachisan buufataalee filannoo qaqqabuu ibsaniiru.

Buufataalee fagoo ta’anitti meeshaan hin qaqqabiinnis hanga galgala har’aatti kan qaqqabu ta’uu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.