Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraa Goojjaam Bahaatti kuufamni giraanaayitii tooniin miiliyoona 23 olii argame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraa godina Goojjaam Bahaatti kuufamni giraanaayitii tooniin miiliyoona 23 olii argame.
 
Kuufamni albuudaa kun aanaalee; Baasoo Liiban, Goozaaminii fi Dabra Eeliyaasitti kan argame.
 
Eejansiin Misooma Qabeenya Albuudaa naannichaa akka beeksisetti Baasoo Liibanii fi Goozaaminitti giraanaayitiin afataaf ta’u tooniin miiliyoonni 21 fi kumni dhibbi 1 fi kumni 51 fi 195.2 argamuun mirkanaa’era.
 
Dabra Eeliyaasitti ammoo tooniin miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 38 fi 100 argameera.
 
Qabeenyi kun misoomarra akka oolu hojjetamaa jiraachuunis ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.