Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraa magaalaa Goondaritti meeshaaleen filannoo garaagaraa dhiyaachuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraa magaalaa Goondaritti meeshaaleen filannoo garaagaraa dhiyaachuu isaanii ibsame.
Akka magaalaa Goondaritti naannoon filannoo 2 fi buufataaleen filannoo 220 filannoof qophii ta’uu ibsameera.
Buufataalee filannoo 220 kanatti meeshaaleen filannoof ta’aan saanduqni “Blue Box”jedhamu 220 ,saanduuqni kenninsa sagalee 762,Saanduqnii sagaleen iccitiidhaan itti kennamu 736, akkasumas p rotookoolii Vaayrasii koronaa eguudhaan raawwachisuuf saanitaayizariin kumni 1fi 824 firiidhaan,Haguugduu afaanii fi funyaanii (Maaskiin)firiidhaan kumni 4 fi 560,dhiyaachu ibsameera.
Meeshaalee kunneen guyyaa boruu buufataalee filannootti kan rabsaman ta’uu qindeessaan boordii filannoo giddu galeessa Goondar Dooktar Bisraategabr’eel Tasfaayeen himaniru.
Akka magaalaa Goondaritti paartiileen filannoodhaaf dorgooman 12 yoo ta’an, kaadhimamtoonni bakka bu’oota ummataaf dorgooman 12,mana maree bakka bu’oota naannootiif immoo kaadhimamtoonni 24 ni dorgoomu.
Namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 57 fi 811 kaardii filannoo fudhachuusaanii ibsaniru.
Daagmaawwii deeksiisaatu gabaase.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.