Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti guyyaa tokkotti biqiltuun miiliyoonni 205 dhaabama jira

Finfinnee, Adoolessa 9, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraatti sagantaa Ashaaraa Magarisaan guyyaa tokkotti dhaabbi biqiltuu miiliyoona 205 har’a gaggeeffama jira.

Dhaabbi biqilticha Preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah fi Afa Yaa’iin Mana Maree naanniicha aaddee Warqisamuu Maammoo Baahiir Daar bakka Zanzalaamma jedhamutti eegalchisaniiru.

Sadarkaa biyaaaleessaatti ganna baranaatin biqiltuu biiliyoona 5 dhaabaman keessaa biiliyoonni 1.75 naannoo Amaaraatti kan dhaabamaniidha.

Preezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah, mootummaan naannichaa dhaabbii biqiltuu bara kana irraatti xiyyeeffannoo hojjeeta jiraachuu ibsaniiru.

Gana bara kanaanis dhaabbii biqiltuuf boollii biiliyoonni 1.2  qotamuu ibsuun, hawaasnis vaayrasii koroonaarra of eegaa aashaaraa magaarisaa akka ka’uu gaafataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.