Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaarratti sagantaan jalqabsiisaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2015 (FBC)- Naannoo Amaaraatti sagantaa jalqabsiisaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 2ffaa qondaaltonni olaannoo naannolee Sadarkaa Federaalaa bakka argamanitti gaggeeffamaa jira.

Sagantaan biqiltuu dhaabuu baranaa naannichaa, Godina Goondar Kibbaa Aanaa Darraatti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Ittaanaa Pireezidaantii Paartii badhaadhinaa Adam Faarah, Pireezidaantii Naannoo Amaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa fi Ministir Deetaa Ministeera Qonnaa Pirofeesar Iyyaasuu Eliyaasiin dabalatee qondaaltonni naannichaa fi federaalaa biroon argamaniiru.

Naannichattii marsaa 2ffaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaan biqiltuuwwan biiliyoona 1.6 dhaabuuf karoorfamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.