Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beeniishangul Gumuuzitti hojiin misooma sululaa eegalame

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC) – Duulli hojii misooma sululaa hirmaannaa hawaasaan gaggeeffamu naannoo Beeniishangul Gumuuzitti har’a ifatti eegalameera.
Duulicha godina Asoolaa aanaa Baambaasiitti bakka bu’aan Preezdaantii naannichaa obbo Baabakir Kaliifaan eegalchiisaniiru.
Hojiin misooma sululaa bara kanaa naannoo yaa’a laga Abbayyaarratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uu eerrameera.
Qonnaan Bultoonni fi hoggansi sadarkaan jiran duulicharratti ni hirmaatu jedhame.
Hojiin misooma sululaa kun baatii lamaaf kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.