Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti galiin Birrii biiliyoona 1 olii walitti qabame

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Baatiiwwan afran darban galiin Birrii biiliyoona 1 olii walitti qabamuu Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Naannoo Beenishaangul Gumuz beeksise.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Mallasee Kiiwii ibsa kennaniin, baatiiwwan afur keessatti galii Birrii biiliyoona 1.2 walitti qabuuf karoorfamuu ibsan.

Karoorichaas %85 milkeessuun akka danda’me himaniiru.

Raawwiin kun kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu Birrii biiliyoona 111 caalmaa akka qabu dubbachuu TOI gabaaseera.

Karooricha milkeessuufis hanqina hubannoo kaffaltoota biraatti mul’atu qajeelchuuf sosochiiwwan hubannoo uumuu kan gaggeeffaman ta’u eeraniiru.

Naannichaatti abbootiin qabeenyaa kuma 1 fi 200 damee qonnaarratti bobba’anii jiraachuu eeranii, galii kuufamaa Birrii miiliyoona 400 kaffalchiisuuf kan hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru.

Abbaan Taayitichaa bara baajataa 2016 galii Birrii biiliyoona 3.5 walitti qabuuf karoorfachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.