Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti hojiilee jajjabeessaan damee qonnaan gaggeeffamaa jiru-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti hojiilee jajjabeessaan qonnaan bultoota fayyadamtoota taasisu damee qonnaan hojjetamaa jiraachuu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo dubbatan.

Jilli Pireezidaantii Ittaanaa Naannichaa Obbo Geetaahuun Abdiisaan durfamuu fi qondaaltoonni federaalaa fi naannichaa Aanaa Uraatti pirojektiiwwan misoomaa fi misooma qonnaa gaggeeffamaa jiran daawwataniiru.

Daawwannicharratti Afyaa’iin Manaa Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon akka jedhanitti, hojiilee qonnaa naannichatti hojjetamaa jiran qonnaan bultootaa diinagdeen fayyadamtoota taasisuuf gahee olaanaa qaba.

Fuuldurattis wabii nyaataa hawaasa naannichaa mirkaneessuu fi qabeenya umamaa naannichaa faayidaarra oolchuun hojiilee eegalaman itti fufsiisuun barbaachisaadha jedhan.

Damee maaddii guutuunis hojiilee qabatamaan jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu kan dubbatan Obbo Taaggasaa Caafoon, jireenya hawaasaa gama jijjiiruun, naannoo diinagdeen badhaate gama uumuutiin gahee olaanaa akka qabu dubbachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.