Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti sagantaan nyaata barattootaa eegale

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Naannoo Harariitti sagantaan nyaata barattootaa bakka hoggantoonni mootummaa olaanoon naannichaa argamanitti eegaleera.

Sagantaan nyaata barattootaa kun manneen barnootaa magaaloota baadiyyaa keessatti argaman 67 keessatti eegaluu isaa Itti aanaa Hogganaan Biiroo Barnootaa naannichaa Abiy Abbabaan eeraniiru.

Barattoonni kumni 37 fi 194 sagantaa kanarraa fayyadamoo kan ta’an ta’uu himaniiru.

Barattoonni barnoota idileen duraa hanga kutaa 4ffaatti jiran hundi fayyadamoo sagantichaa ta’u jedhameera.

Eegalamuun sagantichaa rakkoolee harcaatii barattootaa turan ni furaan kan itti abdatame ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.