Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti sakkata’insa taasifameen meeshaaleen waraanaa to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Naannoo Harariitti sakkata’insa taasifameen meeshaaleen waraanaa to’atamuu komishiin poolisii naannichaa beeksiseera.

Itti Aanaan komishinaraa Komishinii Poolisii Naannichaa obbo Jabbir Aliyyuu ibsa laataniin, shakkamtoonni 453 to’annoo seeraa jala ooluu ibsaniiru.

Shakkamtoota kanneen keessa 212 qorannoo irratti kan argaman yoo ta’u, warren hafan dhimmi isaanii qulqullaa’uun gadi dhiifamuu ibsameera.

Namoonni kunneen garee ABUT waliin hidhata qabaachuu kan kaasan Itti aanaan komishinarichaa laaptooppoota argaman 10 irratti qorannoon taasiafmuuf qophiirra jirachuu eeraniiru.

Maqaa nama tokkoo qofaan Birrii miiliyoona 1 hanga miiliyoona 4 galii ta’aa turuu kan kaasan, herreega baankii 20 oliif cheekkonni gara garaa to’atamuu beeksaniiru.

Komishinii poolisii naannichaatti daayrektarri daayreektoreetii ittisa yakkaa fi to’annoo tiraafikaa Inispeektar Wandasan Kaasaahuun duula taasifameen maqaa namoota raayya ittisa biyyaa keessa hir’ifamanii 22, lakkoofsota bilbilaa fi sanadootni mallatteeffan argamuu eeraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.