Fana: At a Speed of Life!

Naannoo ollaa Affaarii fi godina Addaa Saba Oromoo Amaaraatti nageenya waaraa fiduuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC)- Naannoo ollaa Affaarii fi godina Addaa Saba Oromoo Amaaraatti walitti bu’iinsa muudate waaraan furuuf mariin magaalaa Samaraatti gaggeeffameera.
Naannoo Affaarii fi godina Addaa Saba Oromoo naannoo Amaaraattii fi aanooleetti rakkoo nageenyaa umamee furuuf miseensoota hooggansa uummattoota lamaanii, jaarsoolii biyyaa, hooggantoonni goosaa fi amantootaa bakka argamaniitti magaalaa Samaraatti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti barreffamni qorannoo hariiroo hunda galeessaa ilaaluu dhiyaatee mariin gaggeeffameera.
Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi nageenyaa naannoo Affaar obbo Ibraahim Humaad, hariiroon ummattoota lamaanii cimaadha jedhaniiru.
Naannoo biyyoota olaatti walitti bu’insa muudatee dhaabuun uummatichaa fayyadamaa nageenyaa fi misoomaa taasisu qabna jedhaniiru.
Naannoo Amaaraatti bulchaan godina Addaa Saba Oromoo Kamisee obbo Ahimad Hasaan gama isaaniitiin walitti bu’iinsicha furuuf xiyyeeffannoo laachuun hojjetamuu akka qabu himaniiru.
Hojiiwwan hariiroo uummattootaa lamaanii cimsuu itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.
Hirmaattoota waltajjichaa kan ta’aan miseensoonni hooggansaa, jaarsooliin biyyaa, hooggantoonni amantootaa fi goosaa ka’umsaa rakkichaa kan ta’aan rakkoo hooggansaa, weerara lafaa fi daldalaa seeraan alaa akkasumaas hanna beeyladootaa ta’uu himaniiru.
Yeroo itti aanuuf rakkichaa furuuf koreen jaarsoolii biyyaa kan hundeeffamee yoo ta’u, rakkicha miseensoota hooggansaa waliin furuuf waada galu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.