Fana: At a Speed of Life!

naannoo Oromiyaatti tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjetama jira

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Godinaalee fi magaalonni naannoo Oromiyaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiilee qulqullinaa hojjechaa jiru.

Dargaggoonnii fi tola ooltonni jiraattonni bishaanii fi saamunaadhan harka isaanii akka dhiqatan hojjechaa jiru.

Haaluma kanaan godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiichee fi aanaa Dabra Libaanoos, magaalaa Mojoo, magaalaa Bishooftuu, akkasumas godina Gujiiitti hawaasni qulqullina dhuunfaa fi maatii akka eeggatu hojjechaa jiraachuu taajjabneerra.

Tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf iddoolee namoonni imalanitti bishaanii fi saamunaa dhiqannaaf dhiyeessaa jiru.

Buufata konkolaataa, gabaa fi naannolee waajjiraaleetti bakki dhiqannaa harkaa qophaa’era.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.