Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti bara kana biqiltuu biiliyoona 4.2 ol dhaabuuf hojjetamaa  jira- Biiroon qonnaa oromiyaa

Finfinnee, Guraandhala 3, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara kana biqiltuu biiliyoona 4 fi miiliyoona dhibba 2 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi biqiltuuwwan gosa garaagaraa haala qilleensaa naannawaa dandamachuu danda’an addaan baasuun buufataalee biqiltuu godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti oomishaa jiraachuu Ittaanaa hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyatti, hogganan damee qabeenyaa uumamaa fi wabii nyaataa oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadiir Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Baatiiwwan shanan darban irraa kaasee sanyiiwwan biqiltuu gosa garaagaraa kuntalaa kuma 1 fi 449 godinalee Oromiyaa garaagaraatti raabsamuu ibsaniiru.

Biqiltuuwwan waggaa darbee dhaabbataan keessaa biqiltuun 89% haala gaariirra jiraachuu himaniiru.

Kana malees dhiibbaa jijjiirama qilleensaa ittisuu keessaatti uwwisni bosonaa 17% ture gara %26.7 guddisuun danda’amuu eeraniiru.

Godina Arsiitti, buufatalee biqiltuu 62 keessatti biqiltuuwwaan gosa garaagaraa miiliyoonni 200 ol oomishamaa jiraachuu Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa godina Arsii Obbo Gannaa Mohaammed himaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.