Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti bara kana biqiltuuwwan biiliyoona 4 dhaabuuf qophiin taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan biiliyoona 4 dhaabuuf qophiin xummuramuu hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen ibsaniiru.
Obbo Dhaabaan qophii dhaabbii biqiltuu bara kanaa ilaalchisuun ibsa laataniiru.
Hojiin biqiltuu, iddoolee fi boolla qopheessuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Qonna ganna bara kanaan lafa hektaara miiliyoonni 6 ol misoomuuf qophiin lafaa taasiifamaa jiraachuu obbo Dhaabaan himaniiru.
Waxabajjii 10, 2013 irraa eegalee hanga Waxabajjii 13, 2013tti qamoleen hawaasaa hundi hojii tajaajila lammummaa hojii boolla biqiltuu qopheessuu kan gaggeessan ta’uu ibsameera.
Waxabajjii 14, 2013 filannoo gaggeessaa yaadannoo filannoo marsaa 6ffaaf namni tokko dhuunfaan biqiltuu 6 bakkuma jirutti akka dhaabu karoorfamuu himameera.
Waxabajjii 15, 2013 irraa eegalee hojiin qophii boollaa fi bakka jiidhinsi gahaan jirutti immoo dhaabbiin biqilttu kan itti fufu ta’uu eerameera.
Waxabajjii 16, 2013 guyyaan duula qophii boolla qopheessuun Ashaaraa magariisaa kan itti gaggeeffamu ta’uu Koreen Ashaaraa Magariisaa Naannoo Oromiyaa ibsuun kan yaadatamuudha.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.