Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 211ga’e

Finfinnee,Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 5 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa namoota 554 gaggeeffamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksiseera..
Namoota kanneen keessaa 4 dhiirota, 1 ammoo dubartiidha.
Umriin isaanii waggaa 3 hanga waggaa 37 keessatti argama.
Namoonni 4 seenaa imala alaa hin qaban.
Namni tokko seena imalaa qaba.
Namoonni 3 ammoo tuttuqaa hin qaban.
Namoonni 2 Burraayyuu, 2 Booranaa, 1 Shawaa Kaabaa ta’uu biirich beeksiseera.
Waliigalaan hanga ammaatti namoonni 36 dandamataniiru.
Namoonni vaayrasichaan qabaman 211 qaqqabera.
 
Yaalarratti kan argaman 168 yoo ta’an, waliigalaan lubbuun namoota 7 darbeera.
Hanga ammaatti waliigalaan qorannaan samuudaa namoota 14,935 hojjetameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.