Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti mariin haala yeroorratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC)- Mariin haala yeroo irratti xiyeeffate Abbootii Gadaa Abbootii amanta fi jaarsolii biyyaa hirmaachise akka Naannoo Oromiyaatti Magaalaa Finfinnee Gidduu Galaa Aadaa Oromootti gaggeeffameera.

Maricharratti Itti Gaafatamaan Qunnamtii Ummataa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Taayyee Danda’aa fi Hoggnaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Kabbada Deesisaa argamaniiru.

Nagaan hunda dursa nageenya biyyaa keenyaa eeguuf gaheen Abbooti Gadaa Abbooti Amantaa fi jaarsolii biyyaa olaanaa jedhan obbo Taayyee Danda’aa.

Biyyaa waliin qabnu birmaddumma ishii tiksuuf wareegama kamuu ni taasifna jedhan hirmaattonni maricha.

Duudha keenyatti faayyadamne nagaa biyya keenya ni eegna jedhan.

Kanaaf, immoo xiqqaa fi guddaan diinota kanneen of irraa eeguu qabna dhaaman .

Biyyaa abbootiin aarsaa waggootin nu dhaalchisan dhaloota dhufuf ceesisuf abbootiin dirqama guddaatu nurra jiraa jedhan abbootiin Amantiifi Abbootiin maricharratti hirmaataan.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deesisaas nageenya biyyaattif kanneen aarsaa kanfalaa jiran Raayyaa ittisa biyyaa bira dhaabbachuu qabna kan jedhan yoo ta’u, kana keessatti ammoo aadaa walgargaarsaa fi tokkummaa qabnu fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Abbootiin amantii fi abbootiin Gadaas kan nagaa barbaaduf nageenyaaf ni hojjenna kan nageenya keenya diiguf ammoo shira xaxaa jiruf obsa hin qabnu jedhan.

Mariin kun sadarkaa sadarkaan itti fufu qabas jedhan.

Xumura marii galma gidduu gala aadaa Oromoo Finfinneetti ta’amerrattis yaa’iin Abbootii Amantiifi Abbootii Gadaa ibsa ejjennoo gochaa diinootaan Ityophiyaan hin diigamtu jedhuufi kanneen biroo dhimma waqtaawaarratti xiyyeeffate abbaa qabxii 6 baafachun maricha xumuran.

Gammachiis Taarikuutu gabaase

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.