Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti namoonni 182 vaayrasii koroonaatin qabamuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 182 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 904 hojjetameen vaayrasichi namoota 182 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 14,911 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 123 darbeera.

Namoonni haaraan 60 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9180 dandamataniiru.

Namoonni 23 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5608 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 207221 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.