Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti proojektiin jireenya horsiisee bultootaa fooyyessuuf hojjetamaa jiru bu’aa qabeessa ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan gammoojjiitti proojektiin jireenya horsiisee bultootaa fooyyessuuf hojjetamaa jiru bu’aa qabeessa ta’uu Biiroon Jallisii fi Horsiise Bultootaa Oromiyaa beeksise.

Proojektii fooyyessa jireenya naannawaa gammoojjii keessatti aanaaleen 18 haammatamuu fi misooma nyaata beelladaarratti bu’aa fooyya’aan argamuu biirichatti Daayrektarri qorannoo jiruu fi jireenya horsiise bultootaa obbo Katamaa Urgaa eeraniiru.

Hojii misooma nyaata beelladaa bakkeewwan hongeen mudatetti hojjetameen godina Booranaa aanaa Waayyuu qofatti lafa hektaara 217 olirratti nyaata beelladaa misoomsuun danda’amuu ibsaniiru.

Godinaalee Shawaa Bahaa fi Harargee Lixaatti aanaalee sadii fi gandoota 18 proojekticha keessatti hammachiisuun lammiilee kuma 70 fayyadamoo taasisuun danda’amuu fi kanneen keessaa lammiileen kumni 40 ol kallattiin fayyadamoo ta’uu Qindeessaa Kilaastara Ciroo obbo Warquu Gaaddisaa ibsaniiru.

Proojektichi erga eegalee naannawaa gammoojjiitti ijaarsaa fi babal’ina dhaabbilee barnootaa dabalatee proojektiiwwan 9 ijaaramuu ibsameera.

Jilli Somaaliyaa fi Puutlaandirraa dhufe godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti argamuun raawwii hojii proojektiiwwan foyyessa jireenya horsiise bultoota naannawaa gammoojjii daawwateera.

Yismaaw Adaraawutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.