Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti waggoota 13 darbe Birrii biiliyoona 6 fi miiliyoona 700 ol ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaaf oole -BKO

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti waggoota 13 darbe Birrii biiliyoona 6 fi miliyoona 700 ol ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaaf oolchuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksiseera.

Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa pirojektii seena qabeessa dafqa lammilee Itiyoophiyaatiin ijaaramaa kan jiru ashaaraa dhaloota haaraa ta’uu himeera.

Ijaarsa pirojektichaaf hooggansi jijjiiramaa xiyyeeffannoo addaa kennuun rakkoo mudatee ture bu’uura irraa furee yeroo ammaa xumuraaf ga’aa jiraachuu beeksiseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas yeroo dhagaan bu’uuraa kaa’ame irraa eegalee uummata naannichaa qindeessuun sagantaa arjoomaa, bittaa boondiifi ergaa gabaabaa 8100 A’ tiin Birrii Biiliyoona 5fi miiliyoona 200 sassaabuuf karoorfamee Biiliyoonni 6fi miiliyoonni 744 ol sassaabuun danda’amuu himeera.

Deeggarsa maallaqaan alas pirojektichi biyyoon akka hin guutamneef hojiin kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa xiyyeeffannoon hojjetameera.

Kanaanis waggoota Shanan darbe keessa biqiltuun Biiliyoona 18fi miiliyoona 46 lafa hektaara miiliyoona 5 irratti dhaabamuu eereera.

Daagaan Kiilomeetirri miiliyoonni 1.4 hojjetamuun hallayyaan meetir kiiyuubii miliyoona 1.3 hidhamee lafti hektaarri 787,000 ol tuttuqaa irraa bilisa taasisuun danda’amuu ibseera.

Guutummaa Oromiyaatti waggaa 13ffaa guyyaa dhagaan bu’uura ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa kaa’ame sababeeffachuudhaan sagantaa agarsiisa Egzibishinii fi dorgommii Ispoortiin kabajuuf qophiin gahaan taasifamuu himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.